Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad Pireezidaantii Mana Maree Awurooppaa waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Pireezidaantii Mana Maree Awurooppaa Chaarlas Miisheelii waliin bilbilaan mari’ataniiru.

Yaa’ii hoggantootaa Gamtaa Afrikaa fi Awurooppaa dhiyeenya gaggeeffame cinaatti mariin haala waqtaawaa ilaalchisee taasiifame sadarkaa maalirra akka jiru mari’ataniiru.

Mootummaan dhiyeessii deeggarsa namoomaa saffisiisuuf walitti bu’iinsa dhaabuu hordofee deeggarsi namoomaa gara naannoo Tigraay imalu fooyya’uu Pireezidaantichi kaasaniiru.

Tattaaffiin kun daraan cimuu akka qabuu fi tajaajilli bu’uuraalee misoomaa biroos ariitiin eegaluu akka qaban eeraniiru.

Deeggarsa bu’uuraa lammiilee sababa walitti bu’iinsaan miidhamanii fooyyessuuf kan oolu Yuuroo miiliyoona 81.1 ifoomsaniiru.

Walitti bu’iinsa kaaba Ityoophiyaa furuuf mootummaan murannoo qabaachuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad dubbataniiru.

Dhimma hidha haaromsaa fi walitti bu’iinsa daangaa Ityoo – Sudaan ilaalchise mariin furuuf tattaaffiin taasiifamuu akka qabu marichaan ka’uu ragaan ana marichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.