Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Xaalayaa Preezdaantii Ameerikaa Joo Baayidaniif barreessan

Finfinnee, Fulbaana 7, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Xaalayaa Preezdaantii Ameerikaa Joo Baayidaniif barreessaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT naannoo Afaarii fi Amaaraatti daa’immanii fi dubartootarratti yakka garaa jabinaa raawwachuu, maatii guutuu ajjeesuu, qabeenya isaanii fi dhaabbilee hedduu barbadeessuu xaalayaa barreessaniin ibsaniiru.

Gochaa garaa jabinaa gareen shororkeessaa ABUT raawwateen daa’imman, dubartoonnii fi lammiileen nagaa hedduun haala hammaataa keessa jiraachuu eeraniiru.

Biyyoonni guddinarra jiran kan akka Ityoophiyaa Ameerikaarraa kan eegan giddugaltummaa hin barbaachifnee fi fedhii nama dhuunfarraa bilisa ta’e ta’uu akka qabu jedhan xaalaya isaaniin.

Xaalayaan kun kan barreeffame wayita, Daa’immaan naannoo Tigraay garee mana maree bakka bu’oota ummataan shororkeessaa jedhamuun moggaafameen rasaasa akka qabbaneessan taasiifamaa jiruudha jedhan.

Daa’immaan Naannolee biroo barnoota eegaluuf wayita qophiirra jiran, kanneen naannoo Tigraayitti argaman garuu sababa gochaa badii garee shororkeessan carraa kana argachuuf hin carroomne jechuun ibsan.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad xaalayaa barreessaniin gochaa badii garichi lammiilee nagaa naannoo Amaaraa fi Afaar irratti raawwataa jiru, sarbama mirga namoomaa qaqqabsiisaa jiruu fi dhiibbaa alaa yaa ta’u jedhamee Ityoophiyaarratti taasiifamaa jiru sirrii kan taane ta’uu ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.