Fana: At a Speed of Life!

MM Dooktar Abiy Ahimad koree diinagdee Maakroo waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2013 (FBC)-Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad koree diinagdee Maakroo waliin hojii kurmaana jalqabaarratti mari’ataniiru.

Dooktar Abiy fulaa Feesbuukii isaaniin akka ibsanitti marichaan galii alergiirraa argame tarkaanfi qaala’uu gatii tasgabbeessuuf fudhatamee galii mootummaa argamee fi raawwii hojii gamaaggamuu isaanii ibsaniiru.

Tartiiba duraaduubaa ijoo baraa kanaaf kaa’amanirratti hundaa’udhaanis korichi kurmaana waggaa itti aanuuf galma’aniifi kallattii kaa’eera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.