Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy dubartoota Ityoophiyaa biyyoota Arabaa jiraatan waliin Abudaabiitti mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad dubartoota Ityoophiyaa biyyoota Arabaa jiraatan waliin Abudaabiitti mari’atan.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Ityoophiyaanota Jiddaa, Duubaay, Abu Daabii, Beeyruut, Jiizaan, Baahireen, Riyaadii fi biyyoota Arabaa addaddaarraa walitti babba’an waliin mari’ataniiru.
 
Rakkoolee Ityoophiyaanota kanneen mudatanii fi furmaata isaaniirratti mari’ataniiru.
 
Waltajjicharratti dubartoonni Ityoophiyaa hojiilee addaddaarratti bobba’an hirmaataniiru.
 
Dubartoonni ragaalee imalaa fi jireenyaa hin qabne 53 kan Imbaasii Ityoophiyaatti da’atan maricharratti hirmaataniiru.
 
Dooktar Abiy Ityoophiyaanota karaa seeran alaatin, dhiibbaa faddaaltotaatin biyyaa ba’anii da’annaa keessa jiran waliin mari’atanii rakkoo isaanirra ga’e dhaggeeffachuun gadda isaanii ibsaniiru.
 
Biyyootii Arabaa waliin hojjechuudhan rakkoolee mudatan hiikuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
 
Baahireenitti lammiiledhaaf dhiyeenyatti deeggarsa laachuuf qoonsilaan kan banamu ta’uu ibsan.
 
Lammiilee eeyyama jireenyaa fi hojii hin qabne fedhiidhan mootummaan gara biyyaa deebisuuf tumsa kan taasisu ta’uu eeran.
 
 
 
 
Alaazaar Taaddalaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.