Fana: At a Speed of Life!

MM Dr. Abiy Ahimad Duubaay, Istaadiyamii Shabaab Al Ahliitti Ityoophiyaanota biyyoota Arabaa jiraataniif ergaa dabarsan

Finfinnee, Gurraandhala 6, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Duubaay, Istaadiyamii Shabaab Al Ahliitti Ityoophiyaanota biyyoota Arabaa jiraataniif ergaa dabarsan.

Muummee ministiraa ergaa dabarsaniin mirgaa fi faayidaan Ityoophiyaanotaa akka kabajamu hojjechaa jirra jedhaniiru.

Mirgi lammiilee akka kabajamuuf mootummoota biyyootii waliin waliigalteen taasifameera jedhan.

Simannaa isaanif taasisaniifis galateeffataniiru.

Sirna istaadiyamichatti gaggeeffamerratti Ityoophiyaanonni Saawdii Arabiyaa, Liibaanoos, Kuweet, Oomaan, Kwaataarii fi Baahireen jiraatan hirmaataniiru.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad kaleessa ture daawwii hojiitif gara Emmireetota Arabaa Gamtooman kan imalan.

Turmaata isaanitiin faayidaa fi mirga Ityoophiyaanotaa kabachiisuurratti ni mari’atama.

Dooktar Abiy kaleessa Ityoophiyaanota baha jiddugaleessaa jiraatan 250 ol ta’an waliin mari’ataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.