Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ahimad ergama seera kabachiisuutiin Raayyaan ittisa biyyaa guyyoota muraasa darbanitti injifannoon galmeessise kan dinqisiifatamu jedhan

Finfinnee, Sadaasa 12, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ergama seera kabachiisuutiin Raayyaan ittisa biyyaa guyyoota muraasa darbanitti injifannoon galmeessise kan dinqisiifatamu jedhan.

Dooktar Abiy Raayyaan Ittisa Biyya keenyaa kaleessa galgala naannoowwan Addigiraata erga to’atee booda ,har’a immoo Addigiraatiin humna TPLF jalaa bilisa baasee jira.

Mootummaan Federaalaa magaalotaafii iddoowwan to’atamanitti lammiilee argaman, humnoota nageenyaatiin eegumsi taasifamaafii gara jireenya isaanii guyyuutti deebi’uu eegalanii jiraachuu ibsaniiru.

Ummattoota Ityoophiyaa waliin ta’uun fedhiin hawaasummaafii namummaa isaanii akka guutamuuf haala mijeessina jedhan.

Hojii deeggarsa namoomaa hordofuuf Koreen Olaanoon Mootummaa Federaalaatiin hundaa’e, deeggarsa madaalawaafi wayitaawaa kennuuf akka dandeesisu haala qabatamaa jiru kan qulqulleessan jila gara sanatti ergee jira.

Dabalataanisa koreen kun lammiilee yeroo darbe mana jireenyaa isaanii gadhiisanii baqatan,deenisanii qubachiisuufi ijaaruuf qaamota dhimmi ilaallatu waliin hojjii isaa itti fufa.

Mootummaan Federaalaa Uummata Tigiraayii hundaaf Nageenyaafi Fayyaa isaaniif gatii guddaa kan kennu waan ta’eef,Naannoo Tigiraayitti tasgabbiin akka uumamuufi lammiileen keenya miidhaafi dhabiinsa irraa bilisa akka ta’aniif waan barbaachisu hunda ni taasifna jeshaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.