Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ahimad Emmireetota Arabaa Gamtooman jiru

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad daawwii hojiitif Emmireetota Arabaa Gamtooman galan.
 
Dooktar Abiy Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Abudaabii yammuu ga’an ministira Dhimma Alaa Emmireetota Arabaa Gamtooman Sheeh Abdallaa Biin Zaayidiin simannaan taasifameefira.
 
Muummee ministiraa turtii isaanitiin mirgaa fi fayyadamtummaa Ityoophiyaanotaa kabachiisuurratti marii ni taasisu.
 
Ityoophiyaanota kuma 15 ta’an waliin ni mari’atu.
 
Mirgaa fi faayidaan Ityoophiyaanotaa ala jiraatan kabajamee eenyummaa isaanitiin boonanii akka jiraatan ni mari’atu jedhan.
 
Bobbiin hojii seera qabeessa ta’e akka jiraatu biyyoota baha jiddugalaa waliin waliigalteewwan seeraa raawwatamaniiru.
 
Yoordaanoos, Kwaataar, Saawdii Arabiyaa fi Emmireetota Arabaa Gamtooman waliin waliigalteerra ga’ameera.
 
Mootummaan diippiloomaasii lammummaarratti bu’uureffate hojjechuu isaatin amma ammaatti Ityoophiyaanonni kuma 100 ol ta’an gara biyyaa deebi’aniiru.
 
Alaazaar Taaddalaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.