Fana: At a Speed of Life!

MM Dr. Abiy Ahimad hooggantoota paartilee morkattootaa waliin mari’achaa jiru

Finfinnee, Bitootessa 27, 2012 (FBC) – Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad hooggantoota paartilee morkattootaa waliin dhimma vaayrasi koroonaa (COVID-19) irratti maria’chaa jiru.

Dhiibbaa COVID-19 Ityoophiyaa irraan gahuu fi tarkaanfiiwwan dabalataa mootummaan fudhatu ilaalchisee guyyaa har’aa fi bor marii walitti aanu ni taasisu.

Qaamaan gargar fagaachuu hojiirra waan oolchaniif hooggantoota paartilee siyaasaa hunda walfaana arguun hin danda’amu. Kanaafuu garee xiqqaadhaan guyyoota walitti aanan lamaaf walgahicha kan gaggeessan ta’a.

Marii dansaa har’a ganama gaggeessaniin kan galateeffatan yoo ta’u, mariiwwan itti fufuun taasisaan bu’aa walfakkaatu akka argamsiisan abdii qabachuu ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.