Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ahimad, Jooseef Booreel waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 22, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad bakka bu’aa olaanaa dhimma alaa fi imaammata nageenyaa Gamtaa Awrooppaa fi itti aanaa preezdaantii koomiishinii gamtichaa Jooseef Booreel waliin mari’atan.

Muummee ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi qondaaltichi kan mari’atan bilbilaani.

Haasaa isaanitiin weerara vaayrasii koroonaa yaaddoo addunyaa ta’erratti mari’taniiru.

Rakkoolee mudachuu malanii fi furmaata isaarratti Afrikaa fi Awrooppaan qindoominaan hojjechuu akka qaban dubbataniiru.

Vaayrasichi rakkoo fayyaa hamaa qaqqabsiisuu isaatin dura tumsaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu mari’ataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.