Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ahimad qaamoole guyyaa har’a magaalaa Finfinneetti dhaabbii biqiltuu raawata jiran galateewwatan

Finfinnee, Adooleessa 26, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad  gootonni eegumsa naannawaa Finfinnee har’a kutaalee magaalattii hundarraa waamicha Ashaaraa Magariisaatiif deebii kennaniiru jedhan.

Dooktar Abiy yeroo biqiltuu dhaabbii kan walakkessine yoo ta’u, waan dhaloonni ittaanu isinirraa eegu bahuuf ka’uu keessaniif isin galateeffachuun barbaada jechuun fuula Feesbuukii isaaniirratti ibsaniiru.

Galma waggaa kaa’ame ol milkeessuudhaaf guutummaa biyyaatti kan jirtan hunda keessan jajjabeessuun barbaadaas jedhaniiru.

Waliin taanee kana gochuu ni dandeenya jedhaniiru

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.