Fana: At a Speed of Life!

MM Dr. Abiy boqachuu Amiira Kuwet; Sheek Sabaah Al Ahimad Al Jabbaar Al Sabaahin gadda itti dhaga’ame ibsan

Finfinnee, Fulbaana 20, 2013 (FBC)- Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad boqachuu Amiira Kuwet; Sheek Sabaah Al Ahimad Al Jabbaar Al Sabaahin gadda itti dhaga’ame ibsan.
Dooktar Abiy maatii Amiirichaa fi ummata Kuwetiif jajjabina hawwaniiru.
Maanguddoon umrii waggaa 91 kun hoospitaala Ameerikaa yaala itti hordofaa turanitti boqachuun isaanii dhaga’ameera.
Amiirichi biyya isaaniitti nagaa buusuu fi waggoota 40 oliif ministira Ministeera Dhimma Alaa ta’uudhan tajaajilaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.