Fana: At a Speed of Life!

MM Dr. Abiy buutoota kominiitii Ityoophiyaa Giddugala Bahaa jiraataan waliin Abuu Dhaabiitti mari’achaa jiru

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2012 (FBC) – Muummeen Ministira FDRI Dooktar Abiy Ahimadbakka buutoota kominiitii Ityoophiyaa Giddugala Bahaa jiraataan waliin Abuu Dhaabiitti mari’achaa jiru.

 

Jilli Muummeen Ministira FDRI Dooktar Abiy Ahimad durfamu lammiilee Itiyoophiyaa Giddugala Bahaa jiratan waliin mari’achuuf Emmireetota Arabaa Gamtoomanii Abuu Dhaabii galanii jiru.

 

Dooktar Abiy Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Abudaabii yammuu ga’an ministira Dhimma Alaa Emmireetota Arabaa Gamtooman Sheeh Abdallaa Biin Zaayidiin simannaan taasifameefira.

 

Yeroo ammaa Jilli Muummeen Ministira FDRI Dooktar Abiy Ahimad durfamu bakka buutoota kominiitii Ityoophiyaa Giddugala Bahaa jiraataan 250 ta’an waliin Abuu Dhaabiitti mari’achaa jira.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.