Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy dabalatee, hoggantoonni biyyoota Afrikaa marii bilbilaa taasisan

Finfinnee, Bitootessa 26, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad dabalatee, hoggantoonni biyyoota Afrikaa marii bilbilaa taasisan.

Walitti qabdummaa preezdaantii Afrikaa Kibbaa fi dura taa’aa Gamtaa Afrikaa yerichaa Siriil Raamaafoosaatin muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni biyyoota Afrikaa marii bilbilaa taasisaniiru.

Maricharratti dureewwan Ruwaandaa, Seenegaal, Gibts, Ziimbaabuwee, Demokraatiika Riippabliika Koongoo fi Keeniyaa hirmaataniiru.

Dabalataan dura taa’aan Koomiishinii Gamtaa Afrikaa, daayreektarri olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, daayreektarri Wiirtuu Ittisaa fi To’annoo Dhibee Afrikaa hirmaataniiru.

Marichaan rakkoolee Afrikaa mudatanii fi furmaata isaaniirratti xiyyeeffatameera jedhaniiru Dooktar Abiy karaa fuula Feesbuukii isaanitiin akka beeksisanitti.

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hoggansi qindaa’aa fi waloo murteessaa ta’uus ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.