Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy hordoftoota amantaa Islaamatiin baga Iida geessan jedhan

Finfinnee, Caamsaa 15, 2012 (FBC) –Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad hordoftoota amantaa Islaamaa maraan baga ayyaana Iid Alfaxiriin ittiin isin ga’e jedhan.
 
Dooktar Abiy Ahimad ergaa isaanitiin ayyaanichi vaayrasii koroonaarraa of eegaa akka kabajamu dhaamaniiru.
 
Ayyaanni Iid Alfaxir 1441ffaan booru; Dilbata kabajamu walii yaadaa, walgargaaruu fi walkabajuun akka kabajamus dhaamaniiru.
 
Namoota harka qalleeyyii ta’an deeggaruun tumsa yaataasisnus jedhaniiru.
 
Sababii weerara vaayrasii koroonaatin manneen amantaa akka durii banaa akka hin turin yaadachiisanii, baatii Ramadaanaatti soomanaa fi araaraf gara Waaqaatti deebi’uun dabarfamuu ibsan.
 
Tamsa’inni vaayrasii koroonaa miidhaa akka hin qaqqabsiisne of eeggannoon akka cimu dhaamaniiru Dooktar Abiy.
 
Of eeggannoon taasisnu namoota jaalannuufis waan ta’uuf, of dagannaan gonkumaa akka hin barbaachisne dhaamaniiru.
 
Ayyaanichi wayita kabajamu lammiilee harka qalleeyyii ta’an gargaaraa, vaayrasicharraa of eegaa akka ta’us imaanaa jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.