Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy miseensota Koomiishinii Arara Biyyoolessaa waliin mari’achaa jiru

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad miseensota Koomiishinii Arara Biyyoolessaa waliin mari’achaa jiru.
 
Koomiishinichi ega hundaa’ee hojii eegalee waggaa tokkotti waan hojjeterratti gabaasa dhiyeessera.
 
Dandeettiisaa cimsachuuf muuxannoo biyya keessaa fi alaa qooddachuu beeksiseera.
 
Koomiishinichi karoora tarsiima’aa waggaa 3 qopheessuuf adeemsarra jiraachuu eerera.
 
Hojiisaa milkeessuuf koree dhaabbii gurmeessuu eerera.
 
Ragaan funaannamu icciitii kan qabu waan ta’eef, daataa beezii gurmeessaa jiraachuu ibseera.
 
Dhaabbilee deeggarsa addaddaa laatan waliin tumsaan hojjechaan jiras jedheera koomiishinichi gabaasa isaatin.
 
Dhaabbilee miidiyaaf hojiin hubannaa uumuu hojjetameera.
 
Somaalee fi Afaarin ala bulchiinsota mootummaa naannolee hunda waliin mari’achuus ibseera koomiishinichi.
 
Labsii hundeessituurratti qaawwa hiikkaa muul’atu guutuuf dambiin qophaa’aa jira.
 
Hoji raawwachiistuun koomiishinichaa torbeedhan, miseensi waliigalaammoo baatidhaan walga’ee hojiisaa akka gamaaggamu, hojiin idilee hojjetama ajiraachuus akeekera.
 
Alaazaar Taaddalaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.