Fana: At a Speed of Life!

MM Dr.Abiy Preezdaanti Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 29, 2012 (FBC) – Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad Preezdaanti Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin mari’atan.

Muummeen Ministira FDRIDooktar Abiy Ahimad Preezdaanti Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin mari’achuu isaanii ragaan fuula Feesbuukii isaaniira argame ni muldhisa.

Dooktar Abiy Preezdaanti Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin haala balaa dhibee COVID -19 geessisuu danda’uuf deebii sirrii kennuun danda’amu irratti walitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsuuf mari’ataniiru.

Wayita gaaga’ama diinagdee irraa bayyanachuuf hojjechaa jiran kanatti deeggersa Afrikaaf karaa Dhaabbata Maallaqa Addunyaa, Baankii Addunyaa fi G20 dhiyaatu olaantummaadhaan kan qindeessan Preezdaanti Puutiin waliin mari’achuu isaaniitti akka gammadan ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.