Fana: At a Speed of Life!

MM FDRI Abiy Ahimad gaaffilee Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa dhiyaateef dhimma Diinagdeerratti deebii laatan

Finfinnee, Sadaasa 6, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad gaaffilee Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa dhiyaateef dhimma Diinagdeerratti deebii laachaa jiru.

-Waggootan darban diinagdee biyyattii qormaanni guddaan muudateera. Qormaatichi qormaata idil addunyaa, biyya keessaa, namtochee fi uumamaati. Qormaatilee kanneenis dandamachuun ce’uun danda’ameera.

– Waraanni biyyaa keessaa fi alaa waraannii yuukreenii fi raashiyaa, hongeen,koronaan bara dhiibbaa uumaanidha.

-Diinagdeen Ityoophiyaa salphaatti kan hin miidhamnee fi dandamataa ta’uun isaa ogeeyyiin hedduu haala ajaa’ibsiisuun dhiibbaa dandamatee darbuu mirkaneessaniiru.

-Baajanni waliigalaa Ityoophiyaa xumura bara baajataa 2014 Doolaara biiliyoona 126.7 ga’eera.

– Qabeenyi waliigalaa Ityoophiyaa 6.16 tiriiliyoona ga’eera.

-Galiin nama dhuunfaa Doolaaraa kuma 1 fi 212 ga’eera.

-akka ragaan Baankii Addunyaa agarsiisutti Ityoophiyaan Gaanfaa Afrikaarraa diinagdeen 1ffaadha.

-Biyyoota Saharaa Gadii keessaa ammoo 3ffaadha.

– GDP 6.4% guddina argisiiseera.

-Karoora baranaan %7.5 ni guddannaa jennee abdanna.

-Dameen Qonnaa %6.5 guddina argisiiseera.

-Dameen Indaastirii %4.9 guddateera. Damee maanufaakchariingiin guddinnichaaf gumaacheera.

-Dameen Tajaajilaa 7.6 guddateera. Gaheen isaa GDP keessaa isa olaanaadha.

-Qaal’iinsi gatii adeemsaan hir’ichaa jira.

-Baatiiwwan 4’n darban qaala’iinsi gatii hir’ina argisiisaa jira.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.