Fana: At a Speed of Life!

MM FDRI Dooktar Abiy jiraattoota godina Alaabaa fi Kambaataa Xambaaroo galateeffatan

Finfinnee, Gurraandha 18, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad simannaa hoo’aa jiraattoonni godina Alaabaa fi Kambaataa Xambaaroo taasisaniif galateeffataniiru.
 
Dooktar Abiy fuula fees buukii isaaniin akka ibsanitti, simannaa hoo’a fi eebba guddaa jiraattoonni godinaalee kanneenii taasisaniif galateefataniiru.
 
Aadaa gabbataa fi duudhaan waliin jireenyaa baroota dheeraaf ture ummanni godina Kambaataa Xambaaroo qabu adda kan isa taasisu ta’uu ibsaniiru.
 
Jiraattoonni godina Alaabaa simannaa miidhagaa fi jaalalaa isaaniif godhan onneerraa galateeffataniiru.
 
Jiraattoonni godinichaa sagoota 120 fi gaaloota 3 paartii isaaniif arjooma taasisaniif galata guddaa kan qaban ta’uu himaniiru.
 
Waliin taanee gara daandii ida’amuu fi galma Badhaadhinaatti yaa ceenu jechuun ergaa dabarsaniiru!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.