Fana: At a Speed of Life!

MM FDRI Dooktat Abiy dhoo’insa cimaa Beeruutiitti qaqqabeef gadda itti dhaga’ame ibsan

Finfinnee, Adoolessa 29, 2012 (FBC) –Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad dhoo’insa cimaa magaalaa guddittii Libaanoossitti qaqqabeef gadda itti dhiga’ame ibsan.
 
Dooktar Abiy Ahimad ergaa fuula feesbuukii isaaniin dabarsaniin ummata Libaanoosiif jajjabina hawwaniiru.
 
Yeroo rakkisaa kanaatti walgargaaruun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
 
Lammiileen Ityoophiyaa Libaanoos keessa jiraatan Qoonsilaa Ityoophiyaa biyyattiitti argamu waliin hariiroo uumuu akka qaban gaafataniiru.
 
Dhoo’insa cimaa guyyaa kaleessaa waaree boodaa magaalaa guddittii Libaanoos Beeruutiitti qaqqabeen hanga ammaatti lubbuun namoota100 yoo darbu, namoota kuma 4 ol irra miidhaan qaqqabuu himameera.
 
Dhoo’insi kun hanga Kiiloo meetira 240tti lafa sochoosuu isaa ibsameera.
 
Preezdaantiin biyyatti kaabinee isaanii walga’ii ariifachiisaa yaamuun torbee 2f labsii yeroo ariifachiisaa labsaniiru.
 
Dabalataan Doolaarri miiliyoonni 66 labsii yeroo muudamaa kanaaf akka oolu ajejaniiru.
 
Libaanoos guyyoota sadiif gadda biyyaaleessaa labsiteerti.
Lakkoofsi namoota du’anii fi miidhamanii dabaluu akka danda’u himamaa jira.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.