Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ahimad, Sheek Mahaammad Biin Rashiid Al Maktuum waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 6, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad itti aanaa preezdaantii, itti aanaa muummee ministiraa Emmireetota Arabaa Gamtoomanii fi bulchaa Duubaay Sheek Mahaammad Biin Rashiid Al Maktuum waliin mari’ataniiru.

Sheek Mahaammad Biin Rashiid Al Maktuum tattaaffii Dooktar Abiy Ityoophiyaa fi Afrikaatti jijjiirramaa fi nageenya waaraa mirkaneessuuf taasisan dinqisiifachuun, hojii isaanii kan deeggaran ta’uu ibsaniiru.

Marii guyyaa kana Duubaayitti gaggeessaniin gaaffilee fi rakkoolee lammiileen Ityoophiyaa Emmireetota Arabaa Gamtoomanii keessa jiraatan qaban haala furuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Dooktar Abiy marii guyyaa kaleessaa lammiilee Ityoophiyaa fi bakka buutota waliin taasisan irratti gaaffilee ka’an, Sheek Mahaammad Biin Rashiid Al Maktuumiif dhiyeessaniiru.

Dooktar Abiy, eeyyama hojii, iddoolee waaqeffannaa, ijaarsa manneen barnootaa fi dhimmoota walfakkaatanirratti gaaffilee lammiileen Ityoophiyaa kaasan qaama dhimmi ilaalu waliin kan mari’atan ta’uu waadaa galaniit turan.

Marii gaggeessanis Abuudaabiitti Mana Amantaa Ortodooksii Ityoophiyaaf iddoon ijaarsaa eeyyamamuu ragaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI irraa argame ni muul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.