Fana: At a Speed of Life!

Mootiin Weels Chaarles vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Bitootessa 16, 2012 (FBC) –   Ilmi mootittii Biriitaaniyaa Mootiin Weels  Chaarles qorannoo taasifameen vaayrasii koroonaan qabamuu mirkanaa’e.

Chaarles vaayrasichaan qabamuu ragaan masaraa mootummaa biyyattii ba’e ni muul’isa.

Haati warraa isaanii garuu qorannoo gaggeeffameen dhibicharraa bilisa ta’uutu ibsame.

Biriitaaniyaatti namoonni kumni 8 ol dhibee kanaan qabamaniireu.

Hanga guyyaa kanaatti vaayrasiin koroonaa biyyoota addunyaa 197 keessatti kan muul’ate yoo ta’u, namoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 34 ol dhibichaan qabamaniiru.

Namonni kumni dhibbi 1 fi kumni 11 fi 850 kan fayyuu isaanii fi namoonni kumni 19 fi 600 ammoo dhibichaan du’uu isaanii ragaan amma ba’e ni muul’isa.

Maddi:- BBC fi CNN

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.