Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan akkaatuma waliigaltee Piriitooriyaan itti gaafatamummaa isaa ba’achaa jira – Dooktar Laggasee Tulluu

Finfinnee, Sadaasa 12, 2015 (FBC) – Mootummaan akkaatuma waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaan itti gaafatamummaa isaa bifa guutuun ba’achaa jiraachuu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasee Tulluun ibsan.

Nageenyi waaraa dhufuu kan danda’u fedhiin keessoo yoo jiraate ta’uu ibsaniiru.

Madaan keenyaa kan qooru, walqixxummaa fi tokkummaan ummattotaa kan mirkanaa’u fedhii keessoo giddu galeessa yoo taasiifneedha jedhan.

Kaayyoo guddaa fi abdii gara fuulduraa kan ilaallu yoo ta’e nageenya waaraaf dhaabbachuu keenya mul’isa jedhan.

Sababa kanaan rakkoolee xixxiqqoo, faayidaa waaraan yoo madaallaman bu’aa guddaa kan hin qabne, kaayyoo guddaaf jecha ni obsina jedhan.

Shakkii yeroo fi rakkoolee sodaarraa ka’uun uumamaniif iddoo laachuun qaama furmaata waaraa ta’uu hin danda’an jechuun ibsan.

Tarkaanfii qabatamaa fudhachuun murteessaa ta’uus kaasaniiru.

Haaluma kanaan Mootummaan waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa bu’uura taasisuun itti gaafatamummaa isaa haala guutuu ta’een ba’achaa jiraachuu dubbataniiru.

Hanga humni danda’een qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun dhiheessiin deeggarsa namoomaa fi qorichaalee kallattii hundaan gara naannoo Tigraay seenaa jiraachuu Dooktar Laggaseen dubbataniiru.

Iddoolee tokko tokkotti ammoo tajaajila kennuun eegalamuu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.