Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan dhaabbilee murtee vaayrasii koroonaa ittisuuf ba’e darbanirratti tarkaanfiin ni fudhata –Injiiran Taakkalaa

Finfinnee, Bitootessa 28, 2012 (FBC) – Dhaabbilee murtee vaayrasii koroonaa ittisuuf ba’e darbanirratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu itti aanaan kaantibaan magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan dubbataniiru.
 
Injiinar Taakkalaan daldaltoonni fi lammiileen daldala qinxaaboorratti bobba’anii argaman murtee hawaasa vaayrasii koroonarraa ittisuuf ba’e kabajuu qabu jedhan.
 
Murtee kana kabachiisuuf tarkaanfiin fudhatamuu eegale cimee itti fufa jedhaniiru.
 
Murtoo bakka gurgurtaa kuduraa fi muduraa Jaanmeedaatti(Hurufa Doobbiitti) jijjiiruuf murta’e raawwachiisuuf qophiin xumuramuu Injiinar Taakkalaan ibsaniiru.
 
Bakki gurgurtaa Hurufa Doobbii kun booruu eegalee hojii ni jalqaba jedhan.
 
Injiinar Taakkalaan Fuula Feesbuukii isaaniin akka ibsanitti daldaltoonni qajeelfamaa fi murtoo kabajuu akka qaban hubachiisuun, jiraattoonnis seera kabachiisuuf tumsa gochuu qabuu jedhan.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.