Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan dhimma daangaa Sudaan karaa nagaan furuf qophiidha- Obbo Dammaqaa Mokonnin

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2014 (FBC) – Mootummaan Ityoophiyaa muddama naannawaa daangaa Sudaan waliin qabuurratti mul’atu daandii nagaan furuuf qophii ta’uu Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimmaa Alaa Obbo Dammaqa Mokonnin beeksisan.

Obbo Dammaqaan ambaasaddarootaa biyyootaa Afrikaa teessoo isaanii Finfinneef ibsa kennaniiru.

Dhimmoota yeroo biyyaalessaa keessumaa, dhimma daangaa Ityoo-Sudaan, adeemsaa ijaarsa nageenyaa gaggeeffamuu, marii biyyaalessaa akkasumas marii Hidhaa Guddicha Haaromsa Ityoophiyaarratti ibsa kennaniiru.

Haalumaa kanaan muddamaa nanannwaa daangaa Sudaan waliin walqabtee jirurratti mootummaan Ityoophiyaa daandii nagaan furuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Sudaanis muddamaa hammeessuurraa akka of qusattuu fi dhimmicha bifa idil addunyaa qabsiisuuf tattaffii taasiftu akka dhaabdu gaafataniiru.

Hariiroo ummatootaa biyyoota lameenii gidduu jiru dinqisiifatanii, biyyattiin muddama daangaan walqabatee jiru karaa nagaan akka furmaan daandileen hedduun jiran eeruu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.