Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Faransaay dhaabbilee fayyaa waraanaan barbadaa’an deebisanii dhaabuuf deeggarsa Yuuroo miiliyoona 1.5 taasise

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2014 (FBC) – Mootummaan Faransaay dhaabbilee fayyaa naannoo Amaaraatti sababa waraanaan barbadaa’an deebisanii dhaabuuf deeggarsa Yuuroo miiliyoona 1.5 taasise.

Dhaabbilee fayyaa naannichatti barbadaa’an deebisanii dhaabuuf proojektii dandeesisu mootummaan biyyatti Ministeera Fayyaa waliin ta’uun guyyaa har’aa ifoomsaniiru.

Hojiirra oolmaasaaf Ityoophiyaatti imbaasiin Faransaay Ministeera Fayyaa FDRI waliin sanada waliigaltee mallatteesseera.

Proojektichi dursummaan Hospitaala Riiferaala Dassee dhaabuuf kan oolu ta’uu fi adeemsa keessa dhaabbilee fayyaa waraanaan miidhaman biroo kan deeggaru ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Faransaay Reemii Maareeshoon ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan, deeggarsi taasifame tajaajila hospitaalichaa sadarkaa isaa duraarratti deebisu kan danda’u ta’uu kaasaniiru.

Mootummaan Faransaay adeemsa Vaayrasii Koroonaa ittisuurratti deeggarsa taasisuu yaadachiisuun, deeggarsa damee fayyaan taasisaa jiruuf galateeffataniiru.

Zabiib Taklayitu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.