Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan haala jiru xinxaaluun karaa nagaa fi tasgabbii buusuun danda’amurratti xiyyeeffannoon hojjechaa tureera – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 21, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad gaaffiilee miseensoota mana mare bakka bu’oota ummataaraa ka’aniif deebii laataniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad gaaffilee haala yeroo ilaalchisee miseensoota mana marichaarraa ka’aniif deebii laataaniin gaaffileen ka’an lammiilee balaarraa baraaruu fi dhaabbii mootummaa cimsuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru.

Waggoottaan 2 duran wayita jijjiirramni eegaluu lammiileen hedduun daraaraa hamaaf saaxilamniiru.

Fedhii ummanni jijjiirrramaaf qabu abdii kutachiisuuf yaaliin hedduun taasiifamuu eeraniiru.

Fonqolcha mootummaa taasiisuuf sosochiin gaggeeffamaa turuu eeraniiru.

Yaa ta’uutii yaaliin ture hundi osoo hin milkaa’iin hafeera jedhan.

Garee badiif akka badii isaatti osoo hin taane jaalalaa fi dhiifaman ce’uuf yaalii hedduun taasiifamaa tureera jedhan.

Biyya ijaaruuf hundi kallattii hundaa hirmaannii mataa isaa akka taasiisu tattaaffiin hedduun taasiifamuuf ummata walitti buusuuf yaaliin adda addaa gaggeeffamuun itti fufeera jedhan.

Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad mootummaan wanta hunda karaa nagaan furuuf yaalii taasiisaa turuu eeran.

Ariitiin tarkaanfii fudhachuu caalaa rakkoo ture malaan, marii fi obsaan furuuf adeemamus akka mootummaan hin jirreetti hanga ilaallamuu ga’eera jedhan.

Mootummaan haala jiru xinxaaluun karaa nagaa fi tasgabbii buusuu danda’u irratti xiyyeeffannoon hojjechaa tureera jedhan.

Gaaffiin tarkaanfii fudhachuun maaf harki fate jechuun ka’e haala keessa turreen akka kootti madaala kan kaasuu miti jechuun eeraniiru.

Sababni isaas haalli keessa turree walxaxaa fi daraan rakkisaa waan tureef jedhan.

Jijjiirrama eegalame itti fufsiisuuf yaada ummataa fi ummata waliin mariin gaggeessutti galamuu himaniiru.

Dhaabbileen odeeffannoo odeeffannoo qabatamaa fi murtoo laachuuf gargaaran irratti akka hojjetan taasiifameera.

Fedhii ummaanni jijjiirramarraa barbaadu fiduuf xiyyeeffannoon gara hojiitti galamuu ibsan.

Namoota sababa garaagaraan manneen sirreessaa keessa turan hiikuun qaamni hundi jijjiirrama eegalame keessatti karaa bilisa ta’een akka hirmaatan hojiin hedduun hojjetameera jedhan.

Yaaliin ajjechaa fi fonqolacha mootummaa yeroo garaagaratti yaallamaa turuu eeraniiru.

Raayyaa ittisa biyyaa Ityoophiyaa fakkaatu ijaaruuf hojii hedduun hojjetamuu himaniiru.

Raayyaa ittisa biyyaa heera mootummaa fakkaatu ijaaruun danda’ameera.

Hanga danda’amaa ta’etti Raayyaa Ittisa biyyaa keessatti hirmaannaa saba hundaa walqixa taasiisuuf hojiin hojjetame hedduudha.

Riifoormiin kun wayita hojetamu of eeggannoo cimaan raawwatame jedhan.

Humna qilleensaa cimsuuf hojiin bal’aan hojjetameera.

Rakkoo dhaabbilee nageenyaa keessa tureen walitti bu’iinsi 113 uumamuu danda’eera.

Naannoo hunda keessatti wayita jeequmsi hamaan ture naannoo Tigraayitti garuu jeequmsi tokkollee hin turre jedhan.

Sabaan, amantaa fi naannoon walitti bu’iinsi hedduun akka uumamu taasiifameera.

Naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Beenishaangul Guumz, Gaambeellaa fi Somaalee keessatti walitti umameemaeen lubbuun lammiilee hidduu darbuu eeraniiru.

Naannoo Oromiyaatti qofa walitti bu’iinsa 37 uumameera.

Naannoo Amaaraatti walitti bu’iinsai 23 uumamee ture.

Naannoo Beenishaanguul Guumzitti walitti bu’iinsa15

Magaalaa Finfinneetti walitti bu’iinsa 14 uumameera.

Ajjeechaa Aartiist Haacaaluu Hundeessaa hordofee ajjeechaan aanga’oota mootummaa hedduurratti xiyyeefate hedduun ture.

Yaa ta’uutii tattaaffii taasiifameen fashaleessuun danda’ameera.

Naannoo Gaambeellaatti walitti bu’iinsai 7 uumameera

Naannoo Kibbaatti walitti bu’iinsi baay’een uumameera.

Keessattuu godina koonsoo, Godina Beenchii Shaakkoo keessatti walitti bu’iinsi lubbuu lammiilee nagaa galaafate uumameera.

Raayyaan ittisa biyyaa fi humni qilleensaa of eeggannoo cimaan duula olaantummaa seeraa kabachiisuu raawwataa turan.
Lammiilee nagaaf of eeggannoo cimaan taasiifameera.
Duula gaggeeffamaa ture keessatti raayyaan ittisa biyyaa lammiilee nagaa hin miine jedhan.
Haleellaa raawwatame kamiiyuu of eeggannoo fi itti gaafatamummaa fudhachuun raawwatamaa ture.
Rokkeettiin tokkollee naannoo Tigraay keessatti hin dhukaafamne jedhan.
Nageenya lammiilee nagaaf jecha qaamni Diroon haleellaa raawwatu kamiiyyuu of eeggannoo cimaa fi itti gaafatamummaan iddoo xiyyeeffannoo qofa irratti tarkaanfii fudhataa ture jedhan.
Ololli miidiyaa hawaasan oliif gadi adeemaa ture hedduun isaa olola sobaa ta’uu himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.