Fana: At a Speed of Life!

“ Mootummaan Ityoophiyaa beela akka meeshaa itti fayyadameera” jechuun gabaasa ‘Za Ikoonoomist’ baase mootummaan cimsee akka balaaleffatu beeksise

Finfinnee, Amajjii 15, 2013 (FBC ) – “ Mootummaan Ityoophiyaa beela akka meeshaa itti fayyadameera” jechuun gabaasa ‘Za Ikoonoomist’ baase mootummaan cimsee akka balaaleffatu beeksise.
“ Mootummaan Ityoophiyaa beela akka meeshaa itti fayyadameera” jechuun gabaasa ‘Za Ikoonoomist’ baase mootummaan cimsee akka balaaleffatu beeksiseera.
Barruun ‘Za Ikoonoomist’ duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigiraayitti gaggeeffame waliin walqabatee, gabaase baaseen hojiin mootummaan Ityoophiyaa hojjechaa jiru ilaalchisuun gabaasa sobaa baasuu ibseera.
Gabaasa baaseen “ Mootummaan Ityoophiyaa naannoo Tigiraayitti beela akka meeshaa itti fayyadameera” jechuun eereera.
Kanaan walqabatee mootummaan barruu ‘Za Ikoonoomist’f xalayaa ifaa barreeseera.
Xalayichaan mootummaan Ityoophiyaa baatiiwwan darban lammiilee miidhamaniif nyaataa fi qorichoota meetriik toonii kuma 31 ol deeggarsa walitti qabuun naannoo Tigiraayitti erguu beeksiseera.
Dabalataniis, naannichaatti nageenya lammiilee eeguuf hojiiwwan hojjechuu kaaseera.
Haata’utii gabaasa barruun kun baase dogooggora ta’uu eeruun mootummaan gabaasicha akka balaaleeffatu yaadachiisera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.