Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Ityoophiyaa duula olaantummaa seeraa kabachiisuuf tattaaffi taasisaa jiruuf deeggarsa ni taasifna-Preezdaant Musee

Finfinnee, Sadaasa 19, 2014 (FBC)- Mootummaan Ityoophiyaa kutaa kaabaa biyyattitti duula olaantummaa seeraa kabachiisuu taasisaa jiruuf deeggarsa ni taasifna jechuun Preezdaantiin Somaalee Laandii Musee Biyii Abdii beeksisaan.

Preezdaantichi preezdaantii naannoo Somalee obbo Mustafee Mahaammaad biiroosaanitti simachuun mari’ataniiru.

Hariiroo daldalaa Somaalee Laandii fi Ityoophiyaa giddu jiru guddisuun badhaadhina waloo mirkaneessuu ajandoota jedhan irratti mari’ataniiru.

Obbo Musxafee haala nageenyaa naannicha ilaalchisee dhimmota biyyoota olla Somaalee Laandii waliin raawwatamaan irratti ibsa taasisaniiru.

Preezdaantiin Somaalee Laandii Musee Biyii Abdii gama isaaniin, Mootummaan Ityoophiyaa kutaa kaabaa biyyattitti duula olaantummaa seeraa kabachiisuu taasisaa jiruuf deeggarsa ni taasifna jechuusaanii ragaan kominikeeshinii mootummaa Somaaleerraa argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.