Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Jaappaan maashinaroota Birrii miiliyoona 100tti tilmaamamu Ityoophiyaaf deeggarsa taasiise

Finfinnee, Amajjii 20, 2015 (FBC) – Mootummaan Jaappaan maashinaroota Birrii miiliyoona 100tti tilmaaman Inistiityuutii Teeknooloojii Bishaan Ityoophiyaaf deeggarsa taasiiseera.

Ejansiin Tumsa Idil Addunyaa Jaappaan waggoota 25 darbaniif ijaarsa dandeettii damee Bishaaniirratti hojiilee hedduu hojjechaa turuu Ministir Deetaan Ministeera Bishaanii fi Inarjii Ambaasaaddar Asaffaw Diingaamoon sirna walharkaa fuudhinsaatti argamuun haasawa taasiisaniin ibsaniiru.

Deeggarsi kunis ijaarsa dandeettii keessoo caalmaatti cimsuuf qooda olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Mootummaan Jaappaan misooma, qonnaa, misooma damee dhuunfaa, qulqullina Bishaanii, bu’uuraalee misooma Bishaanii,barnootaa fi fayyaarrati deeggarsa bal’aa taasiisaa jiraachuu Ityoophiyaatti Bakka Bu’aan Ejansii Tumsa Idil Addunyaa Jaappaan Mooriihaaraa Kaatuusuukiin himuu ragaan Ministeera Bishaanii fi Inarjiirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.