Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Liibiyaa marii nageenyaa keessa ba’uu beeksise

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2012 (FBC) – Mootummaan Liibiyaa Dhaabbata Motummoota Gamtoomaniin deeggeramu marii nageenyaa keessa ba’uu beeksise.

Mootummaan dhaabbatichaan deeggaramu yeroodhaf marii nageenyaa Liibiyaa, Jeeneevaatti gaggeeffamaa ture keessaa ba’uusaa beeksiseera.

Guyyaa kaleessaa humnoonni amanamoo Kaliifaa Haaftaar daangaa magaalaa guddoo Triippoolii irratti haleellaa qaqqabsiisaniin wal qabatee bulchiinsi muummee ministiraa Faayiz Al Saaraaj marii nageenyichaarraa of qoqqobuu beeksiseera.

Boba’aan kuufame akka kuusadhaa ba’u ajajni darbeet ture.

Loltoonni mormitootaas boba’icha haleeludhaan miidhaa qaqqabsiisaniiru jedhame.

Humni mormituu fi mootummaa jaarsummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitin rakkoo isaanii furachuuf Geeneevaatti mariirra turan.

Maddi; BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.