Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannoo Amaaraa jiraattoota naannoo Oromiyaatti miidhaan irra qaqqabeef deeggarsa taasise

Finfinnee, Hagayya 8, 2012 (FBC) – Mootummaan naannoo Amaaraa jiraattoota naannoo Oromiyaatti miidhaan irra qaqqabeef deeggarsa taasise.

Preezdaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi preezdaantiin naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xirunahiin ibsa waloo laataniiru.

Obbo Shimallis mootummaan naannoo Amaaraa rakkoo dhiyeenya muudatee fi balaa lolaan miidhaa naannichaatti qaqqabeef deeggarsa taasisan galateeffataniiru.

Preezdaanti Shimallis,hariiroon ummata naannoo lamaanii sirnaa, hoggansaa fi dhimmoota hedduun kan walitti hidhamee ture ta’uu himaniiru.

Ummanni naannolee lamaanii rakkoo hedduu kan waliin dabarsan ta’uu ibsaniiru.

Preezdaantiin naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xirunahi gama isaaniin,naannichi meeshaalee nyaataa fi deeggarsa maallaqaa gama waldaa misooma naannichaan taasisuu dubbataniiru.

Jiraattoonni kunneen hanga jireenya isaanii duraatti deebi’anitti deeggarsi eegalame kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Kanaafis mootummaa naannoo Oromiyaa waliin hidhatan kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.

Olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojii mootummaa naannichaa hojjechaa jiru dinqisiifataniiru.

Preezdaant Tamasgeen, Ityoophiyaan misoomuu kan dandeechu sabaa fi sablammoonni biyyattii waldeeggaruun yoo hojjetan qofa jedhan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.