Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannoo Hararii hordoftoota amantaa kiristaanaa maraaf ergaa baga ittiin isin gahee dabarse

Finfinnee, Fulbaana 16, 2015(FBC)- Mootummaan naannoo Hararii hordoftoota amantaa kiristaanaa maraaf ergaa baga ittiin isin gahee dabarseera.

Mootummaan naannichaa hordoftoota amantaa kiristaanaa naannichaafi guutuu biyyattii maraaf ergaa baga Ayyaana Daamaraafi Masqalaa isin gahee dabarseera.

Ayyaanichaan maatiin yeroo dheeraaf adda fagaatan kan itti wal argan, kan waldhaban kan itti araaraman, warreen rakkatan kan itti deeggaraman, bultii haaraan kan itti dhaabbatuufi taateewwan hawaasummaa biroon kan itti raawwataman ta’uu ibsichaan eerameera.

Uummanni kiristaanaa ayyaanicha haala duudhaa isaa eeggateen akka kabajamu taasisuun, lammiilee rakkatan nyaachisuuniifi warreen dheebotan dheebuu baasuun akkasumas aadaa waliif yaaduufi waldeeggaruun ayyaanicha akka kabaju waamicha dhiyeesseera.

Dabalataanis uummata kiristaanaa dabalatee jiraattonni naannichaa marti nageenya, waliin jireenya, waldeeggaruufi obbolummaa cimsuun akkasumas hojiileen misoomaa naannichaa eegalaman akka cimaniif mootummaan naannichaa kan gaafatu ta’uu  ibsameera.

Ayyaanichi kan nageenyaa, tokkummaa, waliif yaaduu, gammachuufi jaalalaa akka ta’u hawweera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.