Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannoo Oromiyaa badhaadhina maatii mirkaneessuuf qorannoowwaan haaraa garaagaraa qoratee hojjetaa jira – obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Caamsaa 14, 2014 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa badhaadhina sadarkaa maatii mirkaneessuuf qorannoowwaan haaraa garaagaraa qoratee hojjetaa jiraachuu Preezdaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Sagantaan labsii qulqullina Manneen Baadiyyaa Oromiyaa eegalchiisuu Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Waacaalee Ganda Bosoqqee Jaateetti jalqabameera.

Sirna kanarratti Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa,Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurhaaman, Itti aanaan Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii fi Miseensonni Kaabinee naannoo oromiyaa biroo argamaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa badhaadhina maatii mirkaneessuuf qorannoowwaan haaraa garaa garaa qoratee hojjetaa jiraachuu Preezdaanti Shimallis ibsaniiru.

Sagantaan qonnaan bulaan fedhii isaan haala ijaarsa manasaa akka fooyyeffatuuf labsameefi tajaajila bu’uuraalee misoomaa dhiheenyatti argatuuf akeekamee bocamuu dubbataniiru.

Sagantaa kanaan qaama galtee hojii ijaarsa manneen baadiyyaa kan ta’e sirni dabarsa maashinoota oomisha xuubii 96 ta’an interpiraayizoota Ijaarsa manneen baadiyyaa Oromiyaa godinaalee hundarraa dhufaniif dabarfamee kan kennameera.

Amartii Tasfaayeetu gabaase. Ragaan Dabalataa Waajjira Preezdaantii MNO irraa argame

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.