Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannoo Oromiyaa boqachuu Artiist Nuhoo Goobanaaf gaddi itti dhaga’amuu ibse

Finfinnee, Amajjii 11, 2014 (FBC) – Mootummaan naannoo Oromiyaa boqachuu Artiist jaalatamaa fi beekkamaa Nuhoo Goobanaaf gaddi itti dhaga’amuu ibseera.
Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa boqochuu Artiist Nuhoo Goobanaa ilaalchisee ibsa laateera.

Nuhoo Goobanaa hin duune, injifannoo fi bilisummaa ummanni Oromoo gonfate wareegamtoota Oromoof dhugaa bahuuf deeme!

Namni dhugaan aartiin aartiif jiraatu ka’umsaafi galmisaa ummata. Ummataaf jiraata. Nuhoon Aartistii akkasiiti. Ummataaf jiraate. Bilisummaa, sadoofi qananii ummata Oromoof qabsaa’e. Artist Nuhoo Goobanaa qaqaaliiwwan qabsoo Oromoo keessatti aarsaa qaalii kaffalaa turan keessaa isa angafa.

Nuhoon yeroo dargaggummaa isaatti sirna Fiwudaalotaa, sirna abbaa hirree Dargiin akkasumas yeroo bulchiinsa ABUT keessattis dhiibbaafi hacuuccaa ummata isaarraa gahaa ture mormuun qabsoo guddaa taasisaa tureera.

Ijoollummaa isaarraa kaasee garee muuziqaa “Afran Qalloo” fi “Biiftuu Ganamaa” jedhamuutti makamuun ogummaa muuziqaa eegale. Inni weellisaa qofa otoo hin taane meeshaalee muuziqaa taphachuun ogummaa ajaa’ibaa qaba.

Meeshaalee muuziqaa kanneen akka ‘Gitaaraa’ barsiisaa tokko malee fedhiifi kaka’umsa mataa isaan kan barate. Kana qofa miti, Artisti Nuhoon meeshaalee Muuziqaa ‘Kiiboordii’ dabalatee Beezii kanneen biroo haala ajaa’ibaan taphata.

Sagalee isaa kiilolee sanaan guddina aartii Oromoof gumaacha jabaa taasisuun cinatti dhimmoota seenaafi tokkummaa Oromoo cimsan akkasumas roorroo ummata Oromoorra gahaa ture mormuun ummata dammaqsuu keessatti gahee guddaa taphate.

Nuhoon nama hacuuccaafi gabrummaa jilbeenfatu hin turre. Dardarummaan qabsoo ummatasaatti makame. Ummanni Oromoo dammaqee wal dammaqsuu akka qabu barsiise. Furtuun rakkoo Oromoo tokkummaa ta’uu akeeke. Caaya Oromummaa jalatti dantaan Oromoo akka kabajamu hubachiise. Kana gochuu isaatiin diina dhiyoofi fagoo rifachiise.

Akkuma inni walleesaatiin akeeke tokkummaan Oromoo ititee Oromoon Kaabaa-Kibbaa, Bahaa-Dhihaa wal dhagahee gaaddisa tokko jalatti walgahe. Sirboonni isaa baay’eenis waa’ee tokkummaa ummataafi qabsoo wal qixxummaan kan wal qabatu ture.

Gameessi Aartii Oromoo, wallee isaa akka dammaa mi’aawuufi dhaggeeffatamee hin quufamne sanaan tokkummaa Oromoo itichuu keessatti qoodi inni gumaache dhalootaa gara dhalootaatti kan darbee jiraatuudha.

Qabsaa’onni gameeyyiin kanneen akka Jeneraal Taaddasaa Birruu, Maammoo Mazammir, Waaqoo Guutuu, Guddinaa Tumsaa, Jaarraa Abbaa Gadaa, firii bilisummaa har’a Oromoon dhandhamachaa jiru bu’uura kaa’an malee ijaan hin argine, dhandhamachuuf carraa hin arganne. Nuhoon garuu firii qabsoosaa ijaan arguuf carroomee jira.

Waan ta’eef Nuhoon injifannoo Oromoon har’a argate, mirga abbaa biyyummaa Oromoon gonfate, haqa Oromoon mirkaneeffachaa jiru, bilisummaa ummanni Oromoo gonfate gootota Oromoo qabsoo keessatti wareegaman bu’aa qabsoo isaanii dhageessisuuf gara Akiraa dhaqe.

Artisti Nuhoo Goobanaa firii qabsoo isaa ijaan arge, bilisoomuu Oromoo dhandhameefi mirga ummanni Oromoo gonfate wareegamtoota Oromoo fuula Rabbii jiranitti hima.

Kanaaf Nuhoon hin duune jenna. Har’a lubbuun darbuusaatiif gaddinus hojiin isaaf oolmaan inni ummata Oromoof oole bara baraan jiraata.

Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Amajjii 11/ 2014
Finfinnee

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.