Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannoo Oromiyaa dhaloota boru addunyaa hogganu horachuuf hojjechaa jira – Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 16, 2013 (FBC) – Mootummaan naannoo Oromiyaa dhaloota boru addunyaa hogganu horachuuf hojjechaa jira jedhan Preezdaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Obbo Shimallis sagantaa beekkamtii laachuu qooda fudhattoota barnootaaf Biiroon barnoota Oromiyaa qopheesse irratti argamuun kallattii hojii yeroo kennaniiru.
Barsiisonni Keenya Mallattoo qabsoo fi agarsiiftuu fuulduraati jedhan.
Barsiisaan jireenya rakkisaa keessa taa’ee hawaasa gara ifaatti kan qajeelchu, hayyuu, qabsaa’aa, Artistii fi qarattoota hayyootaa ta’uu ibsaniiru.
Hojii kamiyyuu keessatti Ashaaraan barsiisaa bakki hin jirre hin jiru.
Barsiisonni hojii yeroo adda addaa hojjetaniin Oromiyaan har’aa akka hundooftu taasisaniiru jedhan.
Kallattiin qabsoo uummattootaa xiinsammuu boo’ichaa keessaa ba’uun ilaalcha haaraatti ce’eera kan jedhan obbo Shimallis,sabboonummaa bilisummaa nu gonfachiisee keessatti ga’een barsiisotaa olaanaa ta’uu himaniiru.
Waanjoon yeroo garagaraa uummata keenya irra ture yeroo ammaa akka burkutaa’u kan taasise barnoota, kun immoo bu’aa barsiisotaati jedhaniiru.
Dorgommiin duraanii meeshaa waraanaa barbaada,inni ammaa sammuu cimaan mormanii injifachuu gaafata jedhan.
kana keessatti ga’een barsiisaa guddaadha.
Hojiin tajaajila lammummaan hojjetame gara fuula duraatti cimee kan itti fufu qaba,humni hawaasaa humna addunyaa kana keessa jiru kamiiyyuu ni caala jedhan.
Akka OBN gabaaseetti mootummaan naannoo Oromiyaa Mana maxxansaa sadarkaa Afrikaatti tokkoffaa ta’e ijaarsisee xumuruun eebbaaf qopheessuu obbo Shimallis ibsaniiru.
Naannoon Oromiyaa Afaan adda addaa Shaniin barnoota kennaa jiraachuu kan himan obbo Shimallis,kun biyya Sab-daneessummaa ijaaruuf kutannoo qabaachuu agarsiisa jedhan.
Manneen barnoota bultii addaa Afaan Arabaa, Afaan Chaayinaa fi kanneen biroon akka barsiisaniif mootummaan naannichaa hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.
Oromiyaa fi biyyaa qofaaf osoo hin taane hoggansa addunyaa hogganu qopheessaa jirra jedhan.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.