Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannoo Oromiyaa lammiilee godina koonsoo hongeen miidhameef deeggarsa Birrii miiliyoona 20 taasise

Finfinnee, Bitootessa 22, 2015(FBC)- Mootummaan naannoo Oromiyaa lammiilee godina koonsoo hongeen miidhameef deeggarsa midhaan nyaataa Birrii miiliyoona 20’tti shallagamu taasisuu ibsame.

Ittaanaan Hoogganaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa Dooktar Mallichaa Loojee, Uummanni koonsoofi Booranaa uummata walitti hidhamiinsa aadaafi bulchiinsaa qabu ta’uu eeruun, miidhaan Koonsoorra gahu miidhaa keenya jechuu ragaan kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

Uummanni Koonsoo kanaan dura uummata Booranaaf deeggarsa taasisuu yaadachiisuun, mootummaafi uummanni naannoo Oromiyaa deeggarsa midhaan nyaataa kuntaala kuma 5 taasisuu ibsameera.

Bulchaan godina Koonsoo obbo Daawwit Gabayyoon deeggarsa taasifameef galateeffachuu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.