Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannoo Tigraay barattoota kutaa 5ffaadhaa amma 12tif barnoota raadiyoo fi televiizhinii saatalaayitiitin laachuu eegaluufi

Finfinnee, Bitootessa 19, 2012 (FBC) – Mootummaan naannoo Tigraay barattoota kutaa 5ffaadhaa amma 12tif barnoota raadiyoo fi televiizhinii saatalaayitiitin laachuu eegaluufi.

Tajaajilichis Bitootessa 21,2012 eegalee hojiirra kan oolu ta’uu Biiroon Barnootaa Naannoo Tigraay beeksiseera.

Barnootichi tamsa’ina vaayrasii koroonaatin barnoonni idilee cufamuu isaatin hojiirra kan oolu jedhameera.

Sagantaan barnootichaas torbee guutuu ganama sa’aa 3 amma 4, waaree booda sa’aa 9 amma 10tti kennama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.