Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannoo Tigraay sirreeffamtootaa kuma 1 fi 568 dhiifama godhe

Finfinnee, Hagayya 8, 2012 (FBC) – Mootummaan naannoo Tigraay sirreeffamtoota kuma 1 fi 568f dhiifama taasisuu Biiroon Bulchiinsa fi Nageenyaa naannichaa beeksise.
 
Mootummaan naannichaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf jechu dhiifama kana taasisuu isaa biirichi ibsa isaan beeksiseera.
 
Sirreeffamtoota dhiifamni taasifameef keessaa 38 dubartoota ta’uu himameera.
 
Sirreeffamtootaa dhiifamni akka godhamuuf Koomaand Poostiif dhiyaatan kuma 1 fi 704 keessaa kuma 1 fi 568f dhiifamni godhamuu biirichi beeksiseera.
 
Sirreeffamtoonni 136 yakka ajjeechaa, dirqisiisanii gudeeduu, fi daddabarsa namoota seeraan alaan hariiroo waan qabanif murtee dhiifamichaa keessatti hin dabalamne jedhame.
 
Namoonni dhiifamni godhameef kunneen yeroo gara hawaasatti makaman weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi hawaasa miidhaan haalan tajaajiluu akka qaban waamichi godhameefira.
 
Koomaand Poostiin naannichaa bara kana baatii Bitootessaa fi Eebilaa keessa sirreeffamtootaf dhiifama godhuun isaa ni yaatama.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.