Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan qaamolee odeeffannoowwan burjaaja’aa raayyaa ittisa biyyaa ilaalchisee tamsaasaniif hin obsuu

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2014 (FBC)- Mootummaan qaamolee odeeffannoowwan sobaa fi hawaasa  burjaajeeessan raayyaa ittisa biyyaa ilaalchisee tamsaasaniif kana booda akka hin obsine beeksiseera.

Haala adda waraanaa Dasseetti muudatee ilaalchisee gaazixeessitootaaf ibsa kan laataan Minstirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluu, tarkaanfii raayyaa ittisa biyyaa fudhaataa jiru kara doggogoraatin hubachuuniis ta’ee hawaasa naasisuuf qaamoleen odeeffannoo burjaaja’aa tamsaasaniif mootummaa hin obsuu jedhaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT tibba kana tarkaanfii raayyaa ittisa biyyaa fi hawaasni Amaaraa irra deddeebiin fudhataniin meeshaaleen jajjaboo garichaa barbadaa’eera jedhan.

Ta’us gareen kun addoolee waraanaa hundatti humna isaa bobbasuun meeshaalee hatuuf tattaaffii olaanaa taasisaa jiraachuus ministirichi himaniiru.

Giddu kanattis guyyaa kaleessaa Dasseetti gareesaa dursuun lootee seentootaa fi humnoota isaa biroo irratti raayyaa ittisa biyyaatin haleellaa cimaan raawwatameera.

Raayyaa ittisa biyyaa humna addaa naannoo Amaaraa fi hawaasaa naannicha waliin tumsaan qabiyyeessaa gara Cifraa, Warrabaabboo fi  Gaashanaarran babaldhisaa jiraachuu Dooktar Laggasaan yaadachiisaniiru.

Har’as adda waraanaa Dassee fi Kombolchaatti waraanni cimaan gaggeeffamaa jiraachuu ministirichi himaniiru.

Barnaabaas Tasfaayeetu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.