Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Sudaanii fi gareen finciltootaa Daarfuur mana murtii waloo hundeessuf waliigalan

Finfinnee, Amajjii 12, 2012 (FBC) – Mootummaan Sudaanii fi gareen finciltoota Daarfuur yakka waraanaa Daarfurii fi miidha mirga namoomaa kan ilaalu mana murtii addaa hundeessuf waliigalan.

Mootummaan Sudaanii fi garee finciltoota Daarfuur waliigaltee nageenyaarra ga’uuf adeemsi isaan taasisan gara qophii nageenyaatti otuu hin imalin dura dhimmoota siyaasaarratti Juubaatti marii taasisaniiru.

Marichaanis waliigalteerra ga’amuu mari’attuun Gamtaa Adda Bilisa Baasaa Sudaanii fi mari’attuun Adda Warraaqsa Sudaan Ibraahim Zaarbaan himaniiru.

Daarfuuritti miidhaa mirga namoomaa fi yakka waraanaa raawwate qorachuu fi himata banuuf mana murtii waraanaa addaa hundeessuuf waliigalameera.

Dabalataanis sirna haqaa fi itti gaafatamtoota mirkaneessuuf waliigalteerra ga’amuun eerameera

Daarfuur lammiilee hundaaf mijattuu akka taatuu fi tasgabbii uumuuf dhimmoota danda’amu irratti waliigalteerra ga’amuun himameera

Maddi:- Sudaan Tiriibyuun

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.