Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan waggoottan lamaan darbanitti birrii biiliyoona 24 boba’aaf deeggarsa taasiisu ibsame

Finfinnee, Amajjii 19, 2013 (FBC) – Baatii Amajjii bara 2013 Boba’arratti sirreeffamni gatii taasiifamuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksiseera.

Sadarkaa idil addunyaatti gatiin Boba’aa dabaluu hordofee baatii Amajjii dhiyeessii Boba’aarratti sirreeffamni gadii muraasni taasiifamuu Ministeera Daldalaa fi Indaastiriitti Daayreektarri hordoffii fi to’annoo meeshaalee daldalaa obbo Kaasahuun Mulaat ibsaniiru.

Baatii Eebilaa bara 2011 eegalee gatiin Boba’aa dabalaa dhufus mootummaan gatii dabalame uwwisuuf waggoottaan lamaan darbanitti birrii biiliyoona 24.05 deeggarsa taasiisuu eeraniiru.

Baatii Muddee qofa birrii biiliyoona 1.5 daballii gatii agarsiisuu ibsaniiru.

Mootummaan daballii gatii hunda uwwisaa itti fufa taanaan diinagdee biyyattiirratti dhiibaa kan uumu ta’uu isaan mootummaan % 75, kana hafe %25 hawaasni akka uwwisu sirreeffamni gatii taasiifamuu Daayreektarichi ibsa taasiisaniiru.

Dhiyeessiin meeshaalee bu’uuraa biroo gabatee yeroo isaa eeggatee gara biyya keessaa galuun raabsamaa jiraachuu ibsaniiru.

Weerara vaayrasii koroonaa hordofee gabaa tasgabbeessuuf tattaaffii taasiifameen baatiwwan 6 darbanitti Zayni Liitirri miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 92, Sukkaarri kuntaalli miiliyoonni 4 olii fi Ruuziin Kuntaallii miiliyoonni 8 qaraxarraa bilisaan gara biyya keessaa akka galu taasiifamuu obbo Kaasahuun ibsaniiru.

Yeroo ammaatti % 5 qaraxa kaffaluun akka galan taasiifamuu ibsameera.

Oomisha Zayitaa alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsuun, Waarshaaleen Zayita 2 gara hojiitti galuu isaanii himaniiru.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.