Fana: At a Speed of Life!

Moozaambik duula talaallii COVID-19 har’a ni eegalti

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2013 (FBC)- Moozaambik duula talaallii vaayrasii koroonaa har’a ni eegalti jedhameera.
Kanaafis ogeeyyiin fayyaa wayita hojiirra jiranitti vaayrasiichaaf saaxalamoo waan ta’aniif talaallichii dursa isaaniif laatama jedhameera.
Ministeerri Eegumsa Fayyaa Moozaambik baatii darbee talaallii covid-19 doozii kuma 200 Chaayinaarra fudhattee keessaa kumni dhibbi 1 fi kumni 21 fi 530 raabsamuu ibsameera.
Akkasumaas har’a talaallii dabalataa kuma dhibba 4 fi kuma 84 ni fudhattiin eegama.
Moozaambikitti hanga ammaa namoonni kumni 62 fi 520 vaayrasii koroonaatin yoo qabaman, 693 ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.
Namoonni kumni 46 fi 421 ammoo vaayrasicharra dandamataniiru.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.