Fana: At a Speed of Life!

Moozaanbikitti balaa bakakkaa qaqqabeen lubbuun namoota 9 darbe

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC) – Moozaanbikitti mana Amantaa keessaatti balaa bakakkaa qaqqabeen lubbuun namoota 9 darbu himameera.

Giddugala Moozanbiki bulchiinsa Chiree fi Moorrambalatti bala bakakkaa mana amantaa keessaatti qaqqabeen namoonni sagal yoo du’an, 5n ammoo mada’aniiru.

Miidhamtoonni balaa irraa ga’e mana amantaa keessatti yeroo waqeeffata jiraan ta’uu bulchinsi naannichaa Peedroo Saapangee himaniiru.

Akka ibsa hooggansa sodaa balaa biyyaalessa Moozanbikitti, bulchiinsa Naazaa fi Taayaboo keessaatti  jimaata darbe balaa ummameen namoonni 14 mada’uu ibsaniiru

Moozambikitti baatii Onkololeessa darbee irraa eegalee robaa yeroo malee robuun balaa bakakkaan fi obomboleessa hamaan namoonni hedduun du’aniiru.

Maddi:-CTGN

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.