Fana: At a Speed of Life!

Moqaadishootti haleellaa buufata waraanaarra gaheen lubbuun namoota darbe

Finfinnee, Hagayya 2, 2012 (FBC) – Moqaadishootti haleellaa buufata waraanaarra gaheen lubbuun namoota darbe.

Magaalaa gudditti Somaaliyaa Moqaadisootti dhohiinsaa buufata waraanaatti uumameen yoo xiqqaate namootni 8 du’anii 14 ammoo mada’uu anga’oonni waraanaa biyyattii ibsaniiru.

Namootni ijaan argine jedhan akka miidiyaa biyyattitti himanitti haleellichi konkolaataa wanti dhuka’u itti fe’ame gara mooraa sanaa seeeen raawwachuu duubbattu.

Gartuun Al- Shabaab haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhateera.

Raadiyoon Dalsan jedhamu akka jedhutti dhohiinsi kun maagalitti guutuutti ni dhaga’ama ture.

Gartuun hidhattoota Al-Shabaab yeroo hedduu humnoota nageenya eegsisaniifi hojjatoota mootummaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa boombii ni gaggeessa.

Jalqaba torban kanaatti eegdooti namni ergama bade baleessuu fudhatee socho’u tokko akka mana nyaataa hin galleef ittisan ajjeefamaniiru.

Koloneel Ahmeed Musee ‘Associated Press’tti akka himanitti dhohiinsi kun kan uumame balbala buufata warana birgeedii Eebila12 jedhamu kan istaadiyoomii dhiyeenya baname Aanaa Warta-Nabaddaa keessa jirutti dhiyoo jira.

Istaadiyoomiin Waxabbajjii keessa baname kun hokkoraa waggootii booda biyyattii ijaaruu daadhannoo jedhuuf akka mallaattootti ilaalama.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.