Fana: At a Speed of Life!

Motummaa Awustaraaliya irratti haleellaan saayiberii cimaan qaqqabu himame

Finfinnee, Muddee 27, 2012 (FBC) – Motummaa Awustaraaliya irratti haleellaan saayiberii cimaan qaqqabu himame.

Waajjira Ministeera Dhimma Ala Awustaraaliya irratti haleellaan saayiberi cimaan qaqqabuu dhaga’aame.

Haleellaan sayiberi qaqqabee kun waliigaltee biyyootan kan qinda’ee ta’u hin ollee jechuun Waajjirri Ministeera Dhimma Ala Awustaraaliya beeksiseera.

Paartii Awusteraaliya magarisaa fi partiin morkaattota yaadni walii hojjeechu jedhuu ergaa dhiyaate booda haleellichii qaqqabuu himameera.

Haleellichi kaleessa galagala kan eegale yoo ta’u, guyyota dhufanitti cimee kan itti fufuu ta’uun ogeyyonni damichaa beeksisaniiru.

Waajjirri Ministeera Dhimma Ala ibsa baaseen, haleellaan qaqqabee hordofuun tarkaanfii barbachiisu fudhachuu beeksiseera.

Yaata’utii waajjiriichi haalellaa kanaan dhibbaa ga’ee homallee hin dubbanne.

Haleelaa qaqqaabeef xiyyeeffannoo ga’aa taasisuurra darbee kan gara fulduraatti qaqqabuu danda’uu dhibbaa dhibba to’achuun rakkisaa ta’u waajjirichi himeera.

Yeroo dhiyoo as biyyonnii Awuuroppaa hedduun halleellaa sayiiberin saaxilamaa jirachuun ragaan ni muldhisa.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.