Fana: At a Speed of Life!

Murteen barattoota kutaa itti aanutti dabarsuuf murtaa’e, barattoota barnootatti deebisuuf kan kaayyeffatedha jedhe Ministeerri Barnootaa

Finfinnee, Hagayyaa 7, 2012 (FBC) –Murteen barattoota kutaa itti aanutti dabarsuuf murtaa’e, barattoota barnootatti deebisuuf kan kaayyeffatedha jedhe Ministeerri Barnootaa.

Barattoota kutaa 8ffaa fi 12ffaatin ala barattoota kaan bilisaan kutaa itti aanutti ceesisuun, barattoota barnootatti deebisuuf kan murtee kennamedha jedhan ministirri ministeerichaa Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaa.

Barnoota sababii weerara vaayrasii koroonaatin adda citee ture itti fufsiisuuf, barattoota barnootatti deebisuun barattoota jajjabeessuu fi dhiibbaa weerarichi uume hir’isuufi jedhan.

Amma barattoota barnootatti deebisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsanii, gara fuula duraatti qulqullina barnootaarratti ni hojjetama jedhan.

Barattoota kutaa itti aanutti cee’aniif barnoonni bakka buutii ni laatama jedhan ministirichi.

Qulqullina barnootaa fooyyessuuf sirni barnootaa bara 2014tti hojiirra oolu qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.