Fana: At a Speed of Life!

Musxaafaa Adiib muummee ministiraa Libaanoos ta’uun muudaman

Finfinnee, Hagayya 25, 2012 (FBC)- Jarmaniitti ambaasaaddaara Libaanoos ta’uun tajaajila kan turan Muusxafaa Adiib muummee ministiraa Libaanoos ta’uun muudamaniiru.

Adiib paarlamaa biyyattiin qabdu miseensoota 128 keessaa deeggarsa 90 argachuun muudamaniiru.

Adiib caaseeffama mootumma akka gurmeessaan Preezdaant Miisheel Awuun gaafachuu isaanii ibsameera.

Ga’eessii umrii waggaa 48 kun gama dippiiloomaasitiin tarkaanfiin fudhatu gaaffi uummataa fi hawaasa idil addunyaa deebisuuf kan dandeessisu caaseeffama mootummaa sirreessuun hojii duraa ta’uu ibsameera.

Maddi:-Al Ayiin

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.