Fana: At a Speed of Life!

Muudamtoonni mootummaa haaraan hojii osoo hin eegalin dura qabeenya isaanii akka galmeessisiisan taasiifamufi jedhame

Finfinnee, Fulbaana 5, 2014 (FBC) – Muudamtoonni mootummaa haaraan hojii osoo hin eegalin dura qabeenya isaanii akka galmeessisiisan taasiifamuuf ta’uu Komishiniin Namuusaa fi Farra Malaamaltumma Federaalaa beeksiise.
Komishinich Raawwi galmeessa qabeenyaa bara 2013 fi karoora bara 2014 ilaalchisee ibsa gaazeexeessummaa laateera.
Bara baajataa xumurame Filatamtoonni ummataa, muudamtoonni mootummaa fi hojjettoonni miiliyoona 1.5 ol qabeenya isaanii galmeessisiisuu Daayreekterri Qabeenya beeksiisuu fi Galmessuu Komishinichaa obbo Masfin Balaayinahi ibsaniiru.
Qabeenyi namoonni kumn dhibbi 7 fi kumni 5 galmeessisan sirrii ta’uu isaaniin mirkanaa’eera jedhan.
Naannoleen Oromiyaa, Sidaamaa, Kibbaa, Hararii fi Beenishaanguul Gumuz raawwii gaarii galmeessuu obbo Masfin eeraniiru.
Bara 2014 Federaalaa fi naannolee hundatti hojiin qabeenya galmeessuu guutumaan guutuutti kan gaggeeffamu ta’uu himaniiru.
Muudamtoonni mootummaa haaraan hojii osoo hin eegalin dura qabeenya isaanii akka galmeessisiisan kan taasiifamu ta’uu kaasaniiru.
Fulbaana 24,2014 mootumman haaraan akka hundeeffamu ibsamuun kan yaadatamuudha.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.