Fana: At a Speed of Life!

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad bakka bu’oota jiraattoota godina Alaabaa waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad bakka bu’oota jiraattoota godina Alaabaa waliin mari’ataniiru.
 
Muummee ministiraa har’a ganama godina Kambaataa magaalaa Duraameetti jiraattota waliin erga mar’atanii gara godina Alaabaa imalanii turan.
 
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad istaadiyamii magaalaa Qulliittootti haasaa taasisaniin dabalataan, kutaalee hawaasaa waliin mari’ataniiru.
 
Jiraattoonni kunneen godinichaatti rakkooleen misooma daandii, bishaan dhugaatii, caaseeffamaa aanaa, indaastrii qindeessa barbaree fi qonnaa, akkasumas ijaarsa Hospitaalaa ilaalchisee gaaffiiwwan garagaraa Dooktar Abiyiif dhiyyeessaniiru.
 
Dooktar Abiyis gaaffiilee ka’niif furmaata waaraa laachuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
 
Mootummaan rakkoolee ummataa furuuf boqonnaa malee hojjechaa jiraachuus eeraniiru.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.