Fana: At a Speed of Life!

Muummeen Ministeeraa Hangaarii Gamtaan Awurooppaa Raashiyaarra qoqqobbii akka kaasu gaafatan

Finfinnee, Fulbaana 27, 2015(FBC)- Muummeen Ministeeraa Hangaarii Viiktoor Orbaan Gamtaan Awurooppaa Raashiyaarra qoqqobbii akka kaasu gaafatan.

Qoqqobbichi waraana Raashiyaafi Yuukireen dhaabuu kan  hin dandeenye ta’uufi Awurooppaa miidhaa jiraachuu ibsaniiru.

Qoqqobbichi suuta suuta Awurooppaa miidhaa jiraachuu eeruun, Raashiyaan garuu qoqqobbicharraa fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru.

Muummeen Ministirichaa ibsa kan baasan, guyyaa Gamtaan Awurooppaa Raashiyaarra marsaa 8ffaaf qoqqobbii kaa’uu labse ta’uu RTn gabaaseera.

Qoqqobbiin gamtichaa haaraan gatii boba’aa daangessuu, qoqqobbii daldalaa hanga Yuuroo biiliyoona 7 akkasumas dhorkii sochii namoota 30fi qaamolee 7 irra kaa’ame kan hammatu ta’uu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.